Posts

Showing posts with the label promote By Engineer designer and Google expert Husein Kedir

Husein kedir official thank

 Husein Kedir Kelil Roba  NAMA OGEESSA ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Ogummaan bakka hundatti gaggeessituu daandii milkaa'inaati. Namni ogeessi hin kufu. Inni ogummaa harkaa qabu bakka deeme hundatti jireenyi isaaf mijataadha. Ogummaa qabuun simatamee hojjetee of jiraachisa. » Inni ogummaa sammuu, yaadaa fi hubannaa qabu, bakka hundatti dawaa dha. Ogummaan yaada isaa furtuudha, gaggeessituudha, qajeelchituudha, hoggantuudha, Ogummaan Yaada keetii boqonnaa siif kenniti, gammachuu, ofitti amanamummaa siif laatti.  » Carraa hundaan walii galuu, osoo hin sodaatin, osoo ceephoon isa hin mudatin, haala salphaatiin eenyu waliin jiraachuuf ogummaan kee si gargaarti. NAMA OGEESSA ✧ Ogeessi yaadaa waan hunda hubata. Osoo ati hin dubbatin adeemsaaf ilaalcha kee ilaalee si madaala, si beeka. Ogeessi hubatee raawwachuuf malee ilaalee dubbachuuf hin ariifatu.  ✧ Kennaan nama hundaa adduma addaan uumamaan waan nuuf laatametu nu waliin guddatee hojiidhaan mul'ata. Hundi immoo kennaa isaa kana itti hin ...